ONM-ABO Muddee 9, 2024
Gara jabummaa loltoonni impaayera Itiyoophiyaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiran kan baroota sirna mootii gonfoo bulchiinsa minilik irraa eegalee bulchitoonni abbootii irree impaayerattii bulchaa turan hundi uummata Oromoo irratti raawwatan dachaan kan caaluudha.
Akka kanaanis aanaa Amuuruu ganda Hundee Guddinaa jedhamu keessaa Muddee 4, 2024 kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Geetaachoo Yisaraa,
- Baddiluu Yisaraa fi
- Firrisaa Giddumaa jedhaman bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Godinuma kana aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee irraa ammoo Muddee 1, 2024 nama Tolasaa Dabalaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun yoo guban, Aadde Xuruu Dhufeeraa jalaa ammoo qotiyyoo 1 qalatanii nyaachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Namoonni kunneen badii tokkollee kan hin qabnee fi maqaa “WBO deggertu” jedhuun dararamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

