Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa Cibraa Soddom Booroo Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban keesatti tarkaanfi laalessa diina irratti fudhatee jira

ONM-ABO Muddee 21, 2024

Muddee 19, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa ardaa Dhaddacha Goolaatti waraana faashistii Bilxiginnaa kan maqaa sakatta’iinsa jedhuun bobbaatee qabeenya uummata Oromoo barbadeessaa turte irratti tarkaanfii laalessa fudhachuun 5 ajjeesee 4 madeessee jira.

Ittuma fufuun Muddee 20, 2024 arduma Dhaddacha Goolaatti weerartuu PP tumuun 8 oli ajjeesee 10 oli madeessuun of duuba deebiseera.

Erga tarkaanfiin WBO kun irratti taasifameen boodas  ofuma isheetii wal rifachuun bakka lamatti baate wal hadhaa kan turte yoo ta’u lola walirratti taasifte kanaan 14 oli walirra ajjeesuun 20 oli walirra madeessitee hanga wal booji’uutti kan wal rukutte fi miidhama guddaa kan walirra geessifte tahuun himameera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa

Bilisummaan dhiigaan ni dhufa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version