Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Madda Albuudaa Waraana Faashistii PP Adabeee Meeshaa fi Loltoota Booji’e

ONM-ABO Fulbaana 6, 2024

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban keessatti har’a Fulbaana 6, 2024  ergamtoota Abiy Ahimed maqaa sakattaa WBOtiin bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen hedduu du’aa fi madoon kaanis adabuun booji’eera.

Jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa aanaa Liiban ganda Burraa Dheeraa keessa bobbaate irratti iddoo addaa Goda Ookkoo jedhamtutti haxxee hidhuun dhukkee irraa kaaseen humna PP’n Farra Riphee Lolaa jette ittiin dhaadacha baate WBOn baarudaan baarugsee tumuun bittinneesseera.

Tarkaanfii laalessaa kanaanis loltoota faashistii 35 oli du’aan yoo adabuu 20 oli ammo madoo taasisuun 8 booji’ee injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Gama Meeshaatiin
Qawwee AKM 30
Bireena (PKM) 3
Rasaasota AKM fi PKM hedduu akkasumas boombiilee fi uffataale waraanaa irraa hiikuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif oolcheera.

Tarkaanfii WBOn fudhate kanaanis mooraan diinaa raafamaa yoo jiru, lagannaan gabaa fi uggurri geejjibaa qeerroon waamame godinichatti jabaachuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version