Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Madda Albuudaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu fi Gooroo Doolaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Kaleesaa jechuun Fulbaana 3 irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Utuluutti waraana Abiy Ahimed sakkattaaf bobbaate irratti haxxee hidhuun guyyaa guutuu loleen humna diinaa irraa hedduu ajjeesuun gariin madeessee jira.

Waraanni PP reeffalle kaafachuu dadhabuun rakkachaa turte.

Har’a Fulbaana 4 aanaa Gooroo Doolaa ganda Balaambal iddoo addaa Mana Barumsa Hoommachesaa jedhamutti itti marsanii tumaa turan. Itti fufuun aanuma Gooroo Doolaa ganda Haadhaa Dhaddachaa iddoo Gaara Taakkirattee jedhamun beekamutti lola ganama irraa kaase hanga galgalaatti deemaa tureen warraanni faashistii PP du’aa fi madoo hedduun adabamteetti.

Guyyoota lamaan kana yoo xiqqaate nyaaphni 40 oli du’iin madoo hedduu kaafattee kasaaraa gonfachuun of duuba deebiteetti.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version