Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii kibbaa keessa sosso’u godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti diina adabe

WBOn zoonii kibbaa keessa sosso’u godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa keessatti diina adabe.

ONM-ABO Fulbaana 22,2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa fudhachuu itti fufuun ona Gooroo Doolaa fi Adoolaa Reeddee keessatti diina harceesee jira.

Kaleessa Fulbaana 21,2022 godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Bittaattaa keessatti tarkaanfii waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhateen 15 ajjeesee 9 madeessuun qawween AKM 8 irraa hiikkatee jira.

Godinuma Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Sokoraa Dirribaatti tarkaanfii leencichi fudhateen 12 ajjeesee 7 madeessuun qawwee AKM 5 fi bireenii 1 dhuunfateera.

Kana malees har’a Fulbaana 22,2022 aanaa Adoolaa Reeddee iddoo addaa Abbulloo Uddoottuutti waraana nyaaphaa 30 ajjeesuun 22 madeessee qawwee AKM 12 irraa dhuunfatee jira.

Walumaagalatti lola godina Gujii bahaa ona Gooroo Doolaa fi Adoolaa Reeddee keessatti har’a WBOn geggeesseen waraana bilxiginnaa irraa 57 yoo ajjeesu 38 ammoo madeessee meeshaalee waraanaa bireena dabalatee irraa hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version