ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Humni Waloo Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Madda Albuudaa Birgeedi Biiftuu Bariitii fi Cibraan Laga Dambii wal ta’uun kaleessa Adoolessa 29, 2024 Godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti humna waraana faashistii PP gandoota afur irraa walitti qabamtee ganda Odee fi ganda Dubbannaa keessatti qabeenya uummatichaa dheengadda Adoolessa 28 abiddaan barbadeessa turte ganama sa’atii 1:30 irraa eegale hanga 05:40 tti tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Dabalataanis guyyuma kaleessaa naannoo sa’atii 06:30’tti humna birmannaa PP kan aanaa Sabbaa Boruu irra fiiguun ganda Siree Buqqii keessa darbaa turte irratti WBO’n haxxe hidhuudhaan dhukaasaan tumee reeffaa fi madoon of-duuba deebiseera.
Humna waraana maafi’aa Abiy Ahimed irraa Ajajaa Kumaa Abrahaa Nagaash Mokkonnan dabalatee loltoota isaa 100 oli jajjabeen WBO biyyootti dabaluun hedduus madeesseera. Waraana faashistii PP 5 jiraa harkaan qabuun injifannoo dachaa taasiseera..
Lola bakka lamatti taasise kanaanis du’aa fi madoon adabuun booji’ee baaragsuun cinaatti meeshaalee waraanaa:
Diishqaa 1
Rasaasa Dishqaa 1000 ol
Isnaayippera 1
Rasaasa PKM 1500 ol
Kilaashi AKM 20
Rasaasa AKM 1630 ol irraa hiikuun galii Moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof taasisuun mooraa diinaa yoo rifaasisuu uummata Oromoo abbaa qabsichaa boonseera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

