ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Zoonii Madda Albuudaa ganama kaleessaa Adoolessa 29, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruu keessatti waraana faashistii PP irratti sa’a 12:00 irraa qabuun tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii guggubduu kanaanis humna waraana Abiy Ahimed irraa dishqaa 1, AKM hedduu, rasaasa, qophii, uffata waraanaa, jorooroo Bireenaa irraa hiikuun loltoota PP’s booji’eera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii isaa itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda Harroojji Wobootti dheengadda Adoolessa 28, 2024 humna waraana Abiy Ahimed irratti tarkaanfii fudhateen battalatti 4 irraa ajjeesuun hedduu madeessee 2 jiraa booji’uun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii boonsaa kanaanis qawwee AKM 6, hidhannoo ja’a fi rasaasa kilaashii irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.
Abdii fi gaaddisni sabaa WBO’n bakkoota cufatti waraana faashistii PP adabuu kan itti fufe yoo ta’u, gabaasa tarkaanfii jiru jala buunee hordofuun kan isiniin geenyu ta’a.

