ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabuu itti fufeera.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo Bulchiinsa Magaalaa Ciisaa Borrii keessatti tarkaanfii laalessaa dheengadda Adoolessa 14, 2024 toora sa’a 9:00 irratti waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis humna waraanaa Abiy Ahimed irraa 20 ajjeesee 5 madeessuun hidhannoo 5, qophii 20, boombii fi uffata waraanaa hedduu irraa hiikkateera.
Tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatameenis humna diinaa mooraa magaalichaa keessaa ari’ee baasee ture.
Waraanni maafiyaa PP kun guyyaa har’aa gara magaalichaatti deebi’uun reeffa kaafachaa turuun barameera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun guyyaa kaleessaa Adoolessa 15, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Yaayyaa Halangoo keessatti waarana PP paatiroolii tokko irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen dhabama taasisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

