Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti diina adabee meeshaa irraa hiike

ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024 

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Oromiyaa bakkoota hedduutti humna diinaa irraan kasaaraa hamaa geessisaa jira.

Onkoloolessa 28, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa bakka addaa 5’ffaa jedhamtutti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii guggubduu fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii  guggubduu ganama kana loltoota Abiy Ahimed irratti fudhate kanaan hedduu du’aa fi madoon adabee qawwee AKM 5 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Abdii fi egereen Oromiyaa Onkoloolessa 27, 2024 Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa keessatti tarkaanfii fudhateen Dishqaa dabalatee meeshaalee waraanaa garaa garaa irraa hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jiraachuu isaa isiniif gabaasnee turre.

Exit mobile version