ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Loltoonni impaayera Itoophiyaa kaayyoo sirna impaayerichaa osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee walii isaaniitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni impaayera Minilik wal ajjeesuu fi caasaa isaaniis hidhaatti naquun himameera.
Aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Hundee Babal’aa jedhamutti Waxabajjii 18, 2024 ajajaan waraana PP onichaa itti aanaa isaa rasaasa itti roobsuun erga ajjeeseen booda ofii isaan ofitti dhukaasuun of ajjeesuu isaa jiraattonni magaalichaa himan.
Kana malees, caasaan bulchiinsa bilxiginnaa onichaa walitti garagaluun akka sareetti walnyaachaa kan jiran yommuu ta’u kaabinoonni hidhaman maqaan isaanii:
1. Mararaa Gassasaa
2. Gammadaa Guddisaa
3. Garramuu Tafarii fi nama kan biraa tokko kan maqaan adda hin baane torbee 2 dura wal hidhanii jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

