ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Wal waraansa keessaa fi doorsisa biyyoota ollaa waliin Bilxiginnaan yeroo ammaa geggeessaa jiruun, teessuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimed fi jala deemtota isaatti sodaa guddaa uumuun egeree isaaniif abdii kutachuu irraa kan ka’ee fi humni waraanaa isaan of harkaa qaban harki caalu sirnicha ganuun miliqanii badaa waan jiraniif, kufaatii oola hin qabne kanarraa of baraaruuf jecha akkuma bara kufaatii mootummaa Dargii sana hawaasa humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti fe’uu itti fufanii jiru.
Bifuma kanaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa humnaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufanii jiru.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda “Baddaa Warqee” jedhamu irraa Hagayya 22, 2024 loltoonni sirnichaa namoota gabaa deemanii galaa jiran daandii gubbaa irraa humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti fee’anii jiraachuun ibsamee jira.
Namootni kunneen maqaan isaanii:
- Shaashoo Xilahuun,
- Tolee Taarikuu,
- Dassaalee Goobanaa,
- Korree Oliiqaa kan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an loltoota bilxiginnaatiin humnaan ukkaamfamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akkuma guutuu Oromiyaatti murni bilxiginnaa kufaatii jalaa of baraaruuf jecha xinnaa guddaa osoo hin jenne dirqamaan maatii biraa fi barnoota irraa qabuun gara mooraa leenjiitti funaanuu jabeessee itti fufee jira.

