Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti hawaasa nagaa dirqamaan gara leenjii waraanaatti fe’uun cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Dheebuu aangoo kan qaban murnoonni bilxiginnaa umurii aangoo isaanii achi butachuuf jecha tibba kana maqaa “leenjii waraanaa” jedhuun akka guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa xinnaa fi guddaa osoo hin jenne, humnaan ukkaamsuu itti fufan.

Akkaataa kanaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti waraanni Bilxiginnaa kaabinoota waliin ta’uun jiraattota humnaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti fe’uu jabeessanii jiru.

Aanaa Guduruu ganda Baroo 01 irraa torbee darbe keessa nama maqaan isaa Sooressaa Abarraa jedhamuu fi namoota kanneen biroo hedduu ta’an humnaan qabanii gara mooraa leenjii waraana Bilxiginnaatti geessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataan, aanaadhuma kana ganda Illaammuu Xaraqoo jedhamu irraa yeroo walfakkaataatti nama maqaan isaa Tolasaa Asaffaa jedhamuu fi jiraattota kanneen biroo hedduu ta’an loltoonni bilxiginnaa kun ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti fe’anii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version