ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Murni nama nyaataan sirnichaa afaaniin “biyya natu bulcha” ofiin jedhu kan barcuma aangoo isaa qiinqaniin qorqee fixe ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti fedhii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguun yeroo muraasa leenjisee adda waraanaatti baasuun ilmaan Oromoo ficcisiisaa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq irraa lukkeeleen bilxiginnaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Nugusaa Asaffaa,
- Tafarii Lataa,
- Margoo Barsiisaa,
- Dassaalee Ayyaanaa,
- Zallaqaa Geetaachoo,
- Shobbee Dirribaa,
- Qoree Gaddafaa,
- Qannoo Abbabaa,
- Fiqaaduu Dubbaallee fi
namoota hedduu gandicha keessaa Amajjii 6, 2025 ukkaamsanii maqaa “biyya keessaniif loltu” jedhuun leenjii waraanaatti geessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Yeroo adda addaa aanicha keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsanii leenjii waraanaatti ergaa kan jiran lukkeeleen PP Amajjii 5, 2025 namoota leenjii waraanaatti erguuf dhukaasa hawaasa irratti kan bananii fi kanneen deemuu didan immoo hidhuu, reebuu fi qarshii hedduu irraa saamaa kan jiran ta’uunis ibsameera.

