ONM-ABO Hagayya 24, 2024
Loltoonni bilxiginnaa afaan qawwee gargaaramuun uummata Oromoo garuma fedhanitti akka looniitti oofuu kan barbaadan yoo ta’u, addatti immoo qonnaan bultoota Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii gooluu irratti xiyyeeffatanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Abilee Igguu jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa qonnaan bultoota hedduu ukkaamsuun mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Guyyaa kaleessaa kana maqaa “biqiltuu dhaabdu” jedhuun gandoota hedduu irraa qonnaan bultoota danuu humnaan qabuun gara mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Dargaggoota Oromoo gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa kan ture Bilxiginnaan, qonnaan bultootas itti dabaluun ukkaamsuun konkolaataa irra buusanii deeman. Namootni humnaan qabaman kunis maqaan isaanii:
- Tasfayee Shaanqoo,
- Ulfinaa Margaa,
- Gammachuu Urgeessaa,
- Gaaddisaa Dhaabaa fi namoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu dirqamsiisuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa turuun ifoomeera.

