Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti waraanni faashistii PP qonnaan bultoota 100 ol ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Loltoonni sirnichaa kutaalee Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota Oromoo adamsanii ukkaamsuun hurrii garbummaa ammayyoome itti uwwisanii akkuma gara mooraa leenjii isaaniitti humnaan guuraa turan, yeroo ammaa kanas bifa haarawaa ta’een qonnaan bultoota Oromoo abbaa fi ilmaan dirqisiisanii “impaayerattiif loltu” jechuun  bakkuma arganitti qabanii konkolaataa irra buusuun fuudhanii deemuun hammaatee jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq keessaa qonnaan bultoonni Oromoo baay’inaan 100 ol ta’an qabamuun magaalaa Saqalaa geeffamuu isaanii jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Jiraattonni magaalaa Saqalaa ONM dubbise akka jedhanitti, fedhii tokko malee qonnaan bultoota Oromoo hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun of jiraachisan dirqamaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaa PP’tti erguuf magaalicha waan fidaniif maatiin duuba irraan dhufanii akka gadhiifamaniif kadhachaa fi boo’aa turan jedhan.

Haa ta’u malee ergamtootni murna faashistii PP maatii qonnaan bultoota kanneenii doorsisuu fi reebanii ari’uu himan.

Akkuma beekamu waggoota murni PP aangootti dhufee kaasee ilmaan Oromoo hedduun barataa fi qonnaan bulaa osoo hin jenne gara mooraa leenjiitti funaanamaa kan turan fi itti jiran yoo ta’u balaa kanaan maatii hedduun bakkeetti faca’anii jiruu gadadoo jiraachaa akka jiran kan eenyu jalaa dhokate miti.

Exit mobile version