ONM-ABO Guraandhala 28, 2025
Maanguddoota umuriin isaanii loltummaa irra darbee fi daa’imman umurii 12 gadii dabalatee dirqiin guuraa jiraachuu kan himan jiraattonni aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq, murni Bilxiginnaa bakka addaa Boobee jedhamu irraa lukkeeleen isaa bobbaasuun Gurraandhala 25, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Dannaqoo Magarsaa,
- Galataa Gurmuu,
- Malkaamuu Asaffaa,
- Taarreqeny Tarrafaa,
- Oshaa Bayyanaa,
- Shibbiruu Horroo,
- Muluu Gaaddisaa,
- Abiyoot Gurmuu fi
kanneen biroo hedduu erga ukkaamsanii booda gara aanaatti geessuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka aanichaatti, torban tokko dura qonnaan bultoonni baay’inaan 30 ol ta’an maqaa leenjii milishaatiin qabamanii hanga ammaatti bakki isaan jiran kan hin beekamnee fi du’aaf jiraan isaanii illee kan adda hin baane ta’uun dabalataan ibsameera.
Oromiyaa keessatti dargaggoonni fi abbootiin warraa tajaajila milishaaf barbaadamtu jedhamuun dirqiin guuramanii leenjii gabaabaa fudhachuun mooraa sirnichaa akka tiksaniif guyyuu bobbaafamanis, gaaga’ama lubbuu isaanii fi qaamaa hir’achuuf beenyaan tokkollee karaa murna garboomfataa PP kaffalamuuf kan goyomsaa qofa akka ta’e ni beekama.

