ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Rifeentii Caabir jedhamu irraa loltoonni maafiyaan PP Caamsaa 25, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Shibbiruu Maammoo,
- Mokee Baqqalaa,
- Waaqwayyaa Margaa fi
- Biraanee Maammuyyee
kanneen jedhaman hidhaatti darbachuun tokko tokkoo isaanii irraa qarshii 50,000 saamuun gadi lakkisanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Ergamtoonni PP kunneen dararaa hawaasa nagaa irratti raawwatan hammeessuun, gandichuma keessaa namoota maqaan isaanii:
- Balaay Abdiisaa fi
- Maammee Balaay
jedhaman ammoo sababa qarshii dhabaniif dirqiin qabanii gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bultoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun gochi dabaan kun irratti raawwatamuu dubbatu.
Uummata Oromoo imimmaan boossisuu hojii idilee kan taasifatan jaleewwan Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa meesha maleeyyii sababoota garaa garaatiin yakkuun miidhaa ulfaataa irratti raawwachaa jiru.

