ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii ergamtoota isaa hunda gubbaa hanga gadiitti bobbaasuun hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan afaan qawwee itti qabee miidhaa ulfaataa irratti raawwachaa jira.
Aanaa Horroo Bulluq magaalaa Saqalaa keessaa Amajji 21, 2025 daldaltoota ykn abbootii qabeenyaa maqaan isaanii:
- Faantaa Asaffaa,
- Tamee Dabalaa fi
- Nugusaa Dhaabaa
jedhaman ergamtoonni murna nama nyaataan impaayerattii badii tokko malee butuun tokkoon tokkoon isaanii irraa maallaqa qarshii 100,000 gaafatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, jaleewwan Bilxiginnaa kanneen maqaan isaanii Suusanii Margaa fi Ulfinaa Tuulii jedhaman badii malee hawaasa akka saamaniif loltoota Bilxiginnaa kakaasuu fi waan uummanni hin qabne itti maxxansuun rakkoo hamaa qaqqabsiisaa jiraachuun dabalataan addeeffameera.

