ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Aanaa Jimmaa Raaree bakkeewwan adda addaatti lukkeeleen Bilxiginnaa impaayera bututtuu suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan jiraattota irratti saamicha humnaa ol hammeessuun, yeroo ammaas magaalaa Waayyuu keessaa kanneen dukkaana daldalan irraa qaraxa jechuun nama tokko irraa hanga qarshii 4000’tti, akkasumas kaffaltii gibira manaa qarshii 3,000 fi qawwee bittaaf jechuun ammoo qarshii 2,500 dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, magaalichatti jiraattota gabaa keessatti daldala xixiqqaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan ammoo maqaa qaraxa bakka taa’umsa lafaa jedhuun, qarshii shantama shantama irraa fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen himan.
Magaalicha keessatti kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Yaasin Alii jedhamu qawwee baatutti dhimma ba’uun, “daldala seeraan alaa mootummaan hin beekne” jechuun namoota loon lafa oofuun aanaa Jimmaa Raaree irraa gara godina Lixa Shaggar magaalaa Gudar geessanii daldalan irraa daandii gubbaa dhaabbachuun nama tokko irraa humnaan hanga qarshii 10,000 fi isaa oliitti saamee dantaa dhuunfaa isaaf oolfachaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

