ONM-ABO Amajjii 13, 2025
Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu fi maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun saamicha jabeessee itti fufee jira.
Aanaa Noonnoo Beenjaa magaalaa Beenjaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa Jimaata darbe Amajjii 10,2025 daldaltoota qabeenya qaban gurgurachuuf gabaatti dhiyeeffatan maqaa “qaraxa” jedhuun dhaabii horiitii dallaa keessaa qaamni bitee ba’us ta’e, kan utuu hin gurgurin fudhatee galus dirqamaan loon, gaangee, harree fi farda tokko irraa qarshii dhibba sadii saamuun, re’ee fi hoolaa tokkotti immoo hanga qarshii dhibba lamaa saamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, aanaa kana guutummaatti saamichi bifa haarawwaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee kan jiruu fi hiyyeessi waan nyaatee bulu dhabee jooru kaffaltii gosa adda addaa lukkeeleen faashistii Bilxiginnaa guyyaa guyyaan gaafatan kaffaluu dadhabuun rakkoo hammaataa keessa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

