ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Kisaaraa guddaa fi kufaatii dinagdee hamaa impaayera Itioophiyaa mudatee jiru sababeeffachuun ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa hawaasni hin beekne itti dhahuun golee Oromiyaa cufa keessaa hawaasa ofiifuu qala’iinsi jireenyaa itti hammaatee mataa naanneessaa jiru imimmaan lakkuu boochisuun saamicha hangana hin jedhamne irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa gandoota cufa keessatti yeroo ammaa maqaa haaromsa aanaa irraa gara gandaatti bu’ee caasaa haaraa ijaaruu jedhuun, ergamtoonni bilxiginnaa mana gandaa ijaarra jechuun saamicha hamaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, kanumaan wal qabatee jiraattota gareetti adda qooduun garee tokkotti qarshii kuma kudha afurii hanga kuma digdamaatti (14,000- 20,000) dirqamaan guuraa kan jiranii fi dhuunfaatti ammoo namni tokko muka ijaarsaaf oolu kamuu akka qopheessu caasaan murna bilxiginnaa aanichaa labsee hojiirra oolchaa jiru jechuun maddeen ONM’tti himan.
Haa ta’u iyyuu malee, namoonni hedduun haalli jiruu fi jireenyaa itti ulfaachuun maatii illee waan ittiin jiraachisan waan hin qabneef maallaqa kaffalan dhabuun ergamtoota sirnichaan dararaa hamaan irra gahaa jira jechuun maddeen keenya itti dabaluun himaniiru.

