ONM-ABO Muddee 12, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti saamicha geggeessan hammeessuun gama dinagdeen uummata Oromoo quucarsaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa immoo maqaa “gibira funaanuu” jedhuun guutummaa guutuutti ilmaan Oromoo cufa dararaa jiraachuun ni beekama.
Akka aanaa Noonnoo Beenjaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa dararaa kan jiran yoo ta’u, hektaara 1 namni qabu qarshii 5000 akka kaffaluuf dirqamsiifamaa kan jiruu fi namni fuudhee maatii isaa bira jiru osoo lafa oomisha tokkollee hin qabaatin waan fuudhee mana dhaabbate qofaaf dirqamaan qarshii kuma torba (7,000) akka kaffaluuf dirqisiifamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf iddoo kennan warra maatii qabuun alatti dargaggoota kanneen ta’an qarshii ammaaf irratti hin murtaa’in jiru akka kaffaluu qabaniif karoora qabatanii kan jiran ta’uu fi namoota qarshii jedhame hin kaffalle immoo “qe’ee irraa isin godaansisna” jechuun doorsisaa jiraachuun itti dabaluun eeramee jira.

