ONM-ABO Amajjii 11, 2025
Gareen faashistii Bilxiginnaa guyyaa guyyaatti maqaa addaa addaa itti dha’uun kaffaltii naga’ee hin qabnee fi naga’ee akka fedhetti waajjirri baafatuun kufaatii diinagdee isa mudate jalaa miliquuf saamicha daangaa darbe irra deddeebiin raawwachaa jiraachuun uummatatti jireenya hadheessee jira.
Haaluma kanaan waraanni Bilxiginnaa tooftaa addaa addaa jijjiiruun saamicha irratti xiyyeeffate, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree gandoota onichaa cufti akka gandaatti qawwee 20 bituu qabdu maqaa jedhuun namoota irraa dirqamaan maallaqa guuraa kan jiran oggaa ta’u, qotee bulaa adda duree irraa qarshii 3000 kan itti aanu 2500 sadaffaan ammoo 2000 fi namni homaa kan nyaatee bulu hin qabne mana kiraa keessaa taa’u qarshii 1000 dirqamaan dabballoota mootummaaf galii gochuu qaba hin ta’u taanaan kan si eeggatu du’a jechuun doorsisaa jiraachuu ONM’tti himan.
Bilxiginnaan rakkoo uummanni Oromoo kallattii sanaa keessa jiru osoo hin furin Faannoon ijaarsa sirnichaatiin uummata Oromoo ciibsee qalaa osoo jiruu akka waan keessa hin jirretti yakkoota garasitti waggoota ja’aa oliif dalagamaa jiru irraa bilisa of gochuun maqaa qawwee ittiin isiniif binnaan saamaa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

