Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dararuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Aanaa Jimmaa Raaree gandoota baadiyyaa cufa keessatti wayita ammaa maqaa Sulula (daagaa) baasuu jedhuun ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota humnaa ol dararaa kan jiran yoo ta’u, nama hojii misooma Sululaa kana ba’ee hin hojjennes qarshii 500 adabaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, gandoota kanneen keessatti kaffaltii milishaa jechuunis nama tokko irraa dirqamaan afaan qawwee itti qabuun qarshii 500 saamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun himan.

Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa kana hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu gabaa dhaqee daldalachuuf illee sodaa saamicha kanaaf jecha akka itti manaa ba’u dhabee hiraarfama ulfaataa keessa kan jiru ta’uun eeramee jira.

Exit mobile version