ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa baatii Hagayyaa kana Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu gandoota baadiyyaa cufa keessatti maqaa qawwee bituun nageenya naannoo eeguu jedhuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1,500-1,5000 dirqamaan saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma kanaanis lukkeeleen PP kunneen gandoota baadiyyaa saamichi kun keessatti geggeeffamaa jiru keessaa jiraattota ganda Duuchii irraa baatii kana qofa qarshii 370,000 kan fuudhan yoo ta’u, gandoota kanneen akka Doobbii, Kiliiloo, Qakkii Adaree, Tokkummaa fi kan kana fakkaatan keessattis haaluma wal fakkaataa ta’een saamichi hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti yeroo addaa addaatti saamichi bifa garaa garaan uummata harka qalleeyyii ofiifuu sababa qalaa’iinsa jireenyaan rakkoo ulfaataa keessa jiru irratti ergamtoota sirnichaan geggeeffamaa jiru kun kan durii irra daran hammaatee itti fufee jiraachuu himuun, namoota maallaqa jedhame kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhaatti guuraa jiraachuus dubbatu.
Tibba darbe faashistichi koloneel Ahimed oomisha meeshaa waraanaa eegallee waan jirruuf kana booda Itiyoopiyaan rakkoo meeshaa waraanaa hin qabdu biyyoota biroofuu dhiyeessuu dandeessii fi doolara miliyoona 30tti gurgurree jirra jedhee dhaadachaa turus, faallaa isaa ammoo kutaalee Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti sababa qawwee bituu jedhuun uummata nagaa irratti saamichi geggeeffamaa jiru impaayerattiin sobaan ijaaramtee sobaan geggeeffamaa jiraachuu kan agarsiisuu ta’uun ni beekama.

