ONM-ABO Muddee 14, 2024
Dirqiin caasaa ijaarrannaan ji’oottan lamaan sadan darban kana akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa caasaa gandaa diigamee ture deebisanii ijaaruu jedhuun gandoota baadiyyaa cufa keessatti uummata dararaa jiru.
Aanaa Saasiggaa bakkeewwan adda addaatti maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhu kanaan jaleewwan Abiy Ahimed jiraattota humnaa ol dararaa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaan ganda Haroo Folaa jedhamu keessaa yeroo ammaa maqaa waajjira gandaa ijaaruu jedhuun Darajjee Tasfaa fi Misgaanuu Waaqtolee namoota jedhaman, lafaa fi qabeenyaa isaanii beenyaa tokko osoo hin kaffaliiniif daangaa itti darbuun irratti ijaaraa jiraachuu maddeen keenya Haroo Folaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees humnaa fi qabeenya keessaniin nu cina dhaabbadhaa jechuun wayita hawaasni oomisha rooba jalaa guurrachuuf jarjaraa jirutti milishoonni fi poolisioonni sirnichaa jiraattota gandichaa irratti dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuun gandoota aanichaa kanneen akka: Bareeda Sooromaa, Dangaallii Goongoo fi kkf keessattis maqaadhuma caasaa gandaa ijaaruu jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 500 saamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

