ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa sirna bulchiinsa isaanii jigaa jiru kana deebisanii suphuu fi ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu milkeessuuf jecha kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo irratti rakkoo hamaa raawwachaa jiru.
Aanaa Haroo Limmuu ganda Birboo gandoota aanichaa hunda irraa lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisanii “muka guurtanii fiddanii ganda ijaaruu qabdu” jechuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, ergamtoota sirnichaan dararaan hawaasa irratti raawwatamu jabaachuun” nyaata ergamtoota bilxiginnaa dhiyeessuu qabdu” jechuun rakkisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa hawaasni aanicha keessa jiraatu yaaddoo hamaa keessa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.
Akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhuun uummanni Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galee jira.

