• Sun. Jan 4th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa dirqamaan mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun ibsame

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa sirna bulchiinsa isaanii  jigaa  jiru kana deebisanii suphuu fi ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamu milkeessuuf jecha kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo irratti rakkoo hamaa raawwachaa jiru.

Aanaa Haroo Limmuu ganda Birboo gandoota aanichaa hunda irraa lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisanii “muka guurtanii fiddanii ganda ijaaruu qabdu” jechuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ergamtoota sirnichaan dararaan hawaasa irratti raawwatamu jabaachuun” nyaata ergamtoota bilxiginnaa dhiyeessuu qabdu” jechuun rakkisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa hawaasni aanicha keessa jiraatu yaaddoo hamaa keessa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa caasaa gandaa deebisanii ijaaruu jedhuun uummanni Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading