Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Lataa Sibuutti hidhaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Jaleewwan sirnichaa kaayyoo hamaa qabatanii bobbaafamaniin hawaasa nagaa dararuu amala taasifachuun ilmaan Oromoo maqaa adda addaa itti maxxansanii sobaan yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa jiru. 

Aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Goorgisii jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa dararaa hawaasa irratti raawwatan jabeessuun, Ebla 8, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Sannaayee Gammachuu,
  2. Dassayee Dhibbisaa,
  3. Iddoosaa Hayilee,
  4. Galaanaa Uummataa,
  5. Dastaa Galaanaa,
  6. Daraartuu Jirraa,
  7. Gaaddisee Dabaloo,
  8. Seenaa Hambisaa,
  9. Eebbisaa Olaanaa fi

kanneen biroo hedduu ta’an ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Namoonni kunneen tuttuqqaa siyaasaa tokko keessaa kan hin qabnee fi maqaa isaan keessa hin jirre maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun yakkanii kan hidhan ta’uu ONM odeeffateera.

Aanicha guutummaatti yakkoonni gara jabinaa gurguddaan uummata irratti raawwachaa jiru heddummachuun jiraattonni hedduun yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version