ONM-ABO Eebla 1, 2025
Aanaa Lataa Sibuu ganda Inimaayii Somboo jedhamu keessaa loltoonni Bilxiginnaa dararaa ulfaataa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessuun, Bitootessa 30, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Abaataa Fufaa fi
- Malaakuu Wadaajoo jedhaman
“hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun manaa fi meeshaalee mana keessa jiran hunda gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, loltoonni Bilxiginnaa kunneen gandichuma keessaa badii tokko malee qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Birraatuu Galaanaa jedhamu jalaa meeshaalee manaa guutummaa saamanii deemuun namoota maqaan isaanii:
- Aadde Bultuu Tarrafaa fi
- Amaanu’el Taarikuu jedhaman garmalee reebanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Gandicha keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa dararuu hammeessuun torban darbe keessa barattoota maqaan isaanii:
- Lammeessaa Indaaluu fi
- Yaadoo Sabbooqaa jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuunis himamee jira.
