ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Limmuu gandoota hunda irraa loltoonni impaayerattii namoota siyaasa kam keessa hin jirre “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” ittiin jechuun manneen isaaniitti ibidda shiduun jalaa barbadeessaa kan jiran yoo ta’u, torbanuma darbe keessa ganda Dagam irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Jammaraa Taganyee jedhamuu fi ganda Malkaa Lamii irraa immoo qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Alamaayyoo Adimaasuu jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee manicha keessatti argaman hunda waliin abidda itti qabsiisanii gubuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa gubaatii manneenii raawwachuu ittuma fufuun, aanaadhuma kana ganda Waarsuu jedhamu irraa badii tokko malee Bitootessa 23, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Misgaanaa Tolasaa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda gubanii barbadeessuu fi maatii guutummaa qabanii hidhaatti darbachuun dabalataan ibsameera.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Mukarbaa Diimaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 23, 2025 maanguddoo ganna 70 maqaan isaanii Obbo Asaffaa Abbabaa jedhaman “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira dafii galchi” ittiin jechuun badii tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan hawaasa irra gahaa jiru hamaa ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

