ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Aanaa Martii ganda Heellaa Gaadullaa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun Bitootessa 5, 2025 “WBO nyaachiftan” jechuun qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Abbaa Aabbuu Baddaa,
- Obbo Umar Abbaa Aabbuu fi
- Obbo Badhaasoo Godaanaa
jedhaman jalaa meeshaalee mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin guutummaan gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, ganduma kana irraa guyyaadhuma kana Bitootessa 5, 2025 loltoonni waa’ee garaa isaanii qofa kaayyoo jalqabaa taasifatan qonnaan bulaa maqaan isaa:
- Obbo Usmaan Dingatoo jedhamu jalaa re’ee 1 yoo qalatan,
- Obbo Huseen Waacirrii jalaas re’ee 1 qalatanii nyaatanii deemuun isaanii baramee jira.
Aanaadhuma kana ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu irraas guyyaadhuma kana Bitootessa 5, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ahimaduu Daadhii jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee manicha keessatti argaman hunda abidda itti qabsiisanii gubuun, akkuma aanichaatti manneen jiraattotaa hedduun loltoota sirnichaan gubamaa kan jiru ta’uun himamee jira.
Jaleewwan sirnichaa umuriin barcuma Koloneel Abiy Ahimed raafama keessa galuu hordofuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhanii maqaa hawaasni Oromoo keessaa hin qabne gola sammuu isaanii isa dadhabaa sana keessaa itti maxxansuun sobaan yakkanii dararaa ciccimaa irraan gahaa jiru.

