ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa jedhamu irraa loltoonni faashistii PP hawaasa Oromoo dararuuf bobbaafaman Bitootessa 9, 2025 gara ganamaa nama maqaan isaa Obbo Mangistuu Mokonnon jedhamu jalaa hoolota 5, Televizyiinii 1 fi jenereeteroota gosa adda addaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Shaayii Dullachaa jedhamu irraa Bitootessa 7, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Namarraa Taaddasaa jedhamu qaama isaa garmalee reebuun, mataa isaa immoo qawween diranii baqaqsuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Loltoonni iji isaanii waa adda baasuu hin dandeenye kunneen “atii fi abbaan kee Waraana Bilisummaa Oromoo deddeebistu” jechuun ilma Obbo Namarraa isa hangafaa maqaan isaa Abbabaa jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawwatanii deemuun baramee jira.

