Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Eebantuutti waraanni Bilxiginnaa hawaasa hidhaatti darbachuu fi manneen irratti gubuu itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Aanaa Eebantuu ganda Adaamiitti  jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa siyaasa kam keessa hin jirre sobaan yakkanii hiraarsuu amaleeffatan Bitootessa 25, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Malkee Tolasaa, 
  2. Yaadattuu Gammadaa,
  3. Shaashee Yaadataa,
  4. Sunqee Galataa,
  5. Hiikaa Gammadaa,
  6. Lalisaa Jammaraa,
  7. Maaramee Jootee fi 

kanneen biroo hedduu badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Kana malees, aanuma kana ganda Bakkannisa jedhamu irraa shiftoonni waraana Bilxiginnaa gaafuma Bitootessa 25, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Jammaraa Baqqalaa Garbii jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana sana keessa jiru hunda abiddaan gubanii barbadeessuun, qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dassaalee Guddataa jedhamu jalaa immoo, loon 23 ooffatanii deemuu maddeen eeranii jiru. 

Jiraattonni gandoota kanneen irraa hidhaman, saamamanii fi manni isaanii jalaa gubate badii hojjetan qabaatanii osoo hin taane, maqaa isaan hin qabne “hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhanii itti maxxansuun sobaan yakkanii dararaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version