Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’uu fi kaayyoo jala hiriiran adda baasanii beekuu dadhabuudhaan, qarshii muraasaan gowwomfamanii maqaa adda addaa itti maxxansuun hawaasa irraa dhalatanitti deebi’anii dararaa irratti hammeessanii jiru.

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Aboo bakka addaa Jayii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Waxabajjii 16, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Bayyanaa Gurmeessaa,
  2. Shittuu Dhaabaa,
  3. Margaa Soorii,
  4. Taakkalaa Qalbeessaa,
  5. Biqilee Gammadaa,
  6. Filee Teessoo fi 

kanneen biroo hedduu ta’an ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jiraattonni kunneen kan hidhamaniif dhaaba siyaasaa deggeran qabaataniif osoo hin taane, “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamanii dharaan yakkamuun hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa jiraachuu dubbatu.

Aanicha guutummaa keessatti hawaasni sababa lukkeelee kanneeniif akka itti ba’ee galu dhabee rakkataa jiraachuu fi hiraarsaa ulfaataan hawaasa irratti raawwatamu kan isaan yaaddesse ta’uu jiraattonni kunneen itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version