Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni murna Bilxiginnaa maanguddoo biyyaa tokko irratti reebicha hamaa raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 9, 2025

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Haroo Daadhii bakka addaa Birbirsa Nagaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa Adoolessa 2,2025 maanguddoo biyyaa umuriin 70 ol ta’an maqaan isaanii Obbo Nugusaa Tarrafaa jedhamu garmalee reebuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maanguddoon kun namoota waldhaban araarsuu fi jaallatamummaa qabaachuun alatti dhaaba siyaasaa keessatti hirmaatan kan hin qabne yoo ta’an, reebicha hamaa irratti raawwatameen hanga gabaasni kun qindaa’etti arrabni isaanii kan hin dubbanne du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsameera.

Guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi dararuun barsiifata kan itti ta’e loltoonni Bilxiginnaa baadiyyaa Oromiyaa keessatti teessuma Abiy Ahimed tiksuuf kanneen bobbaafaman dhiiraa fi dhalaa, guddaa fi xiqqaa osoo adda hin baasin gara jabina guddaan dararaa raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru. 

Exit mobile version