Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinniitti loltoonni Bilxiginnaa maanguddoo ganna 70 irratti reebicha raawwachuun, jiraattota jalaa qabeenya barbadeessan

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Ajoo Bilii jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee hawaasa irratti dararaa raawwachuu itti fufuun, Ebla 19, 2025 maanguddoo ganna 70 kan maqaan isaanii Obbo Kumaalaa Irgoosaa jedhaman irratti reebicha hamaa ta’e raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Maanguddoon kun badii hojjetanii fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu qabaatanii osoo hin taane, maqaa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun garmalee reebamuun osoo yaala hin argatin yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uu fi qabeenya isaanii hunda saamuun mana irratti gubanii deemuun ibsamee jira.

Ganduma sana keessaa guyyaadhuma sana Ebla 19, 2025 loltoonni sirnichaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jechuun qonnaan bulaa maqaan isaa: obbo Kumasaa Galaanaa jedhamu jalaa meeshaalee mana keessaa hunda saamuun mana jalaa gubanii, qonnaan bulaa maqaan isaa obbo Milkeessaa Buzunaa jedhamu jalaa ammoo meeshaalee mana keessaa gadi baasanii caccabsuun isa kaan saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version