Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP maanguddoo Waggaa 75 oli Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinnii keessatti ajjeesuun barame

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Uummatni Oromoo nagaan ba’ee akka hin galle, hojjetatee akka hin jiraanne, baratee, daldalatee fi qotatee jireenya isaa akka hin fooyyaffanneef qe’ee isaa keessatti abidda hin dhaamne kan qabsiise murni Bilxiginnaa ajjeechaa akka feetee isaa itti fufee jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 4, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Muunyoo Basharuu keessatti maanguddoo ganna 75 olii maqaan isaanii Obbo Dabalaa Dhaabaa Hanjaa (Abbaa Caalaa) jedhamuun beekaman waraanni faashistii PP ajjeesanii gatan.

Maanguddoo kana erga ajjeesanii booda mana jireenyaa ilma isaanii Abdiisaa jedhamu gubanii barbadeessuun loon 8, faradoo 3, hoolota 20 fi qarshii 60,000 (kuma ja’atama) jalaa fudhatanii deemuun barameera.

Maanguddoon kun qaalluu Oromoo ta’uun naannichatti seera gadaan ofiis hawaasachis akka bulu nama hojjechaa turan yoo ta’an, Bilxiginnaa irratti badiisa kadhatta, Waraana Bilisummaa Oromootiif ammoo mul’ata gaarii raagda jechuun akka feeteen waraana Abiy Ahimed ajjeesanii gatuun ibsameera.

Oromiyaan yeroo ammaa bakka itti uummatni yaaddoo lubbuun jiraachuu keessa gale ta’uu irraan kan ka’e, hawaasni qe’ee jireenya isaanii gadi dhiisanii deemuun haala jireenya hin beekne keessatti rakkachaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version