ONM-ABO Bitootessa 23, 2025
Gaddaa fi gadadoo uummata irratti raawwatu malee uummata yeroo tokkoof gammadee jiraatu gurri namaa erga dhaga’ee bubbuleera. Jireenya isaanii geggeeffachuuf carraaqanii kan bulan ilmaan Oromoo, barataa fi barsiisaa, daldalaa fi qonnaan bulaa akkasumas hojiilee garaa garaa hojjechuun kan jiraatan tuttuqaa siyaasaa kam irraa walaba kan ta’an biyya abbaa isaanii irratti hamma bineensaa hanqachuun ergamtoota Bilxiginnaan duguuggaan sanyii irratti raawwachaa jira.
Waraanni maafiyaan PP torban darbe keessa aanaa Dirree Hincinnii keessaa sababa dargaggoo maqaan isaa Wanduu Hirkoo jedhamuuf mana maatii isaa gubuun qabeenyaa maatiin sun qabu kan dargaggoo kanaa dabalatee saamanii deemuun kan beekamu yoo ta’u, namootuma qabeenyaa jalaa barbadeessan kana hanga inni dhufutti goonkumaa mana hidhaa keessaa hin baatan jechuun maatii isaa hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Akka aanichaatti ergamtooni murna PP WBO balleessineerra ishee haftes ni dhabamsiisna maqaa jedhuun dibbee hololaa tumaa, gama biraan ammoo hawaasa sochii kana keessaa hin qabnetti dhaadachuu fi doorsisaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f eeranii jiru.

