ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa jedhamu irraa Guraandhala 5, 2025 waraanni Bilxiginnaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Mokee Geetaachoo,
- Nagaroo Offolaa,
- Morkaa Addamaa,
- Biqilaa Geetaachoo,
- Dastaa Kabiruu,
- Misgaanaa Gaashulaa,
- Abbajjee Asfawuu fi
kanneen biroo hedduu qabachuun ukkaamsuu fi shakkiin isaan qaban ammoo, gara leenjii waraanaatti kan deeman ta’uun ibsameera.
Godinuma kana aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota baay’inaan 300 ol ta’an ukkaamsuun magaalaa Shaambuu geessanii kan jiran ta’uun barameera.
Aanaa Guduruu irraa immoo, guyyaadhuma kana Guraandhala 5, 2025 ganda Waljaal’achiisaa Sirbaarraa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Balaay Giiloo,
- Goshuu Xomboree,
- Bareedaa Kabbadaa,
- Tasfayee Baqqalaa fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun gaafuma
kana ganda Gobbuu jedhamu irraa illee bifuma walfakkaatuun namoota maqaan isaanii:
- Tasfayee Tafarraa,
- Gizaachoo Badhaasaa,
- Gaaddisaa Misgaanaa,
- Toleeraa Baabsaa fi
kanneen lakkoofsaan hedduu ta’an ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuranii kan deeman ta’uun itti dabaluun ibsameera.

