Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuuruu keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed manneen jiraattotaa gubuu fi ajjeechaa raawwachuu itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 5, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee  hin  kabajne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa qofaaf hadheeffatanii mormuun hawaasa hojii idilee isaa hojjetatee jiraatu yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu karoorfatanii hojjechaa oolu.

Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Jaarroo Siree jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo qofa qooduun dararuuf bobbaafaman nama maqaan isaa Obbo Faqqadaa Baayisaa jedhamu jalaa Sadaasa 1, 2024 mana 2 gubanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Obbo Faqqadaan siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii mana isaa fi qabeenya inni mana keessaa qabu hunda waliin gubanii kan barbadeessan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Oduuma ajjeechaan wal-qabatuun aanaa Amuuruu ganda Siiddan jedhamu irraa Onkoloolessa 31, 2024  loltoonni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee nama maqaan isaa Lammii jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaadhuma kana ganda Walagee bakka addaa Kileesherii jedhamu irraas Onkoloolessa 31, 2024 loltoonni bilxiginnaa kun hojii diinummaa fi gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessuun nama maqaan isaa Hawwaa jedhamu rasaasaan adda irraa facaasanii ajjeesuun gatanii hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffi isaa kan hin ka’in jiru ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoonni kunneen lameen badii tokko kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun loltoota dhiiga ilmaan Oromoo qeensanii dhuguu baraniin Onkoloolessa 31, 2024 mana isaanii keessaa butamuun ajjeefamuu fi aanaa sana keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo ofiin jedhan gargaarsa ergamtoota bilxiginnaan hawaasa meesha maleessa irratti tarkaanfii fudhataa kan jiran ta’uun uummanni rakkoo hamaa keessa jiraachuun itti dabalamuun ibsameera.

Exit mobile version