ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu ganda Dongoroo Muxaa jedhamu keeessaa Bitootessa 11, 2025 jiraattota maqaan isaanii:
- Gammachuu Tufaa Gammadaa jalaa horii 11,
- Naggasuu Gammachuu Tufaa jalaa saawwan 5,
- Lammeessaa Nagarii Kumaa jalaa qarshii 10,000′ fi
- Magarsaa Nagarii Kumaa jalaa qarshii 20,000
fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees namoota qabeenyaan isaanii saamame dabalatee kanneen biroo maqaan isaanii:
- Gammachuu Tufaa Gammadaa,
- Mul’ataa Raggaasaa Kitil,
- Abrahaam Itichaa Dinagdee fi
- Darajjee Nagarii Mul’ataa
kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaaniif yakkanii qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuun ifoomee jira.

