Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti loltoonni faashistii PP maatii qabsaa’otaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun namoota hedduu ukkaamsanii erga hidhaatti darbatanii booda, “ilmi keessan bosona jiru yoo dhufe malee, isin baasuu hin dandeenyu” jechuun dararaa adda addaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Maatiin qabsaa’otaa torban darbe keessa magaalaa Siree ganda 01 irraa hidhamanis maqaan isaanii:

  1. Badhaasaa Gammachuu, 
  2. Gammachuu Nagarii, 
  3. Kaffaalee Leencoo, 
  4. Leencoo Moosisaa kan  jedhamanii fi 

kanneen biroo hedduu sobaan yakkuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuun ifoomeera.

Namoonni kunneen hirmaattota dhaaba siyaasaa kamii akka hin taanee fi hojii idilee isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, loltoonni sirnichaa gocha isaan keessaa hin qabneen  miidhaa ulfaataa ta’e irratti qaqqabsiisaa jiraachuu gabaasni ONM dhaqqabe ni mul’isa.

Exit mobile version