Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti maatii qabsaa’otaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Jiraataa godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Xixxiixaa kan ta’e Obbo Lammeessaa Tasfaa yakka tokko malee waraana Bilxiginnaan Bitootessa 13, 2025 maqaa ilmi kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ukkaamfamee waajjira poolisiitti hidhamee hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Gareen saamichaan of ijaaruuf akeeka dadhabaa qabatanii socho’an kunneen erga Obbo Lammeessaa qabanii hidhanii guyyaa tokko booda qabeenya inni qabu saamuuf humnoota waraanaa guddaan gara qe’ee isaatti socho’anii mana isaa keessa wantoota jiru guutuu saamanii akka deemanis jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Murni Bilxiginnaa sabboontota aantummaa sabaa qaban lafa irraa duguuguuf karoorfatee waraana isaa kan teessoo nam tokkee qofaa akka tiksaniif bobbaaseen saba Oromoo irratti gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version