Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaalee Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraatti saamichaa fi gubaatiin manneenii shiftoota waraana Abiy Ahimediin jabaachuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Gareen maqaa mootummaan aangoo irra jiru Bilxiginnaan qe’ee ilmaan Oromoo waraana isaa fayyadamuun horfee qaawwaa jireenyaa uummatichatti mul’isuu malee yeroo tokkoof illee gochoota uummaticha fayyadu raawwatee kan hin beekne Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Dangiitti Caamsaa 18, 2025 bobba’uun dukkaanota cabsuun maallaqa saamuu jiraattonni himan.

Maallaqni saamame kunis kan afooshaa dabalatee kuma dhibba sadii ol akka ta’es kan himamu yoo ta’u, afoosha jalaa qarshii kuma digdamii sagalii fi kanneen hafan ammoo jiraattota irraa akka saamanis ibsameera.

Kana malees guyyaadhuma kana ganda Toggir Haroo Gombiittis manneen jiraattotaa ibidda itti shiduun kan guban oggaa ta’u, namootni manneen jalaa gubate kunneen maqaan isaanii;

  1. Obbo Hakaaluu Kabbadaa,
  2. Obbo Oliiqaa Ayyaanaa,
  3. Obbo Misgaanaa Waannaa,
  4. Obbo Daggafuu Angaree mana sadii jalaa gubuun, sangoota 2 jalaa kan ooffataniiry. 

Kana malees Obbo Iyyaasuu Daggafuu jalaa ammoo sa’a ameessa 1 jalaa fudhachuun ibsameera.

Oduuma walfakkaatuun aanaa Qilxuu Kaarraa irraas kaleessaa Caamsaa 18, 2025  waraanni garboomfataan PP gara ganda Baafannoo Qorracheetti sochii gochuun:

  1. mana Obbo Lammeessaa Jiraataa guutummaatti kan guban yoo ta’u, 
  2. kan Obbo Biraanuu Barii ammoo qabeenya isaa saamanii akka deeman jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Exit mobile version