Uummata Oromoo qabeenya isaanii gubanii qe’ee irraa buqqisuun lixa wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti jabaatee itti fufe.
ONM – ABO – Muddee 9, 2022 Yeroo garaagaraatti bu’aa siyaasaaf jecha murni maqaaf mootumnaadha ofiin jedhu uummata Oromoo saamaa, gubee barbadessaa fi lubbuu lammilee nagaa obbaafachiisaa oolu gocha badii isaa jabeessee itti fufee jira. Haaluma kanaan Sadaasa 17, 2022 irraa kaasuun lixa Wallaggaa karaa daangaa Beenishaangul Gumuz lola uummata nagaatti waraana murna bilxiginnaan banameen uummata gabaa daldalachuu ba’e gabaa keessa walitti dachaasuun eessaa akka isaan geeffaman osoo hin beekamin jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru. Kana malees akka jiraattootni kun jedhanitti waraanni murna bilxiginnaa ganda Oromootti ol seenuun namoota buqqisaa fi qabeenya saama akka turanis dubbataniiru. Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu karaa daangaa Beenishangul Gumuz keessa kanneen akka ganda Baddeesaa, Calalaqaa, Waaccuu fi Jimaatee keessatti qe’ee ilmaan Oromoo gubuun namootni isaan godaansisaan baay’inni uummataa lakkoofsaan hedduu dha. Uummatatni buqqa’an kun ganda Haroo Gombii keessa kan qubatan yoo ta’u gariin ammoo bakkuma adda addaatti baqatanii jiru. Kana malees gaafa Kibxataa Muddee 6, 2022 ganduma Haroo Gombii keessaa obbo Abrahaam Mul’ataa, Bojaa Abraham, Biiniyaam fi Seenaa kan jedhaman maatii tokko guutuu ukkaamsuun sana booda Bojaa fi Biiniyaamiin rasaasa itti roobsanii Bojaan lubbuun yoo darbu Biiniyaam ammoo mana yaalaa seenee jira. Yeroo ammaa namootni waraana bilxiginnaa daangaa Oromiyaa karaa ona Mana Sibuu fi Beenishangul Gumuz waraana murna bilxiginnaa akkasumas humna addaa naannichaa buqqaa’an rakkina hawaasummaa fi fayyaaf saaxilamanii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

