ONM-ABO Caamsaa 18,2025
Kaleessa Caamsaa 17, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Innimaay Sombootti dargaggoon maqaan isaa Jafaar Nagaraa jedhamu ganama sa’atii 4:00’tti balleessaa tokko malee waraana impaayerattiin ukkaamfamuun rasaasa sadiin ajjeefamee daandii gubbaatti akka gatame jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Dargaggoon waraana Abiy Ahimediin ajjeefame kun barataa kutaa 12’ffaa akka ta’e kan himamu yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa kam keessaas qooda kan hin fudhannee fi barnootaan cinattis maatii gargaaruun jiraachisuu malee yakka lubbuu isaa baasisu akka hin hojjenne itti dabaluun dubbatu.
Kana malees aanaadhuma kana ganda Lalisaa Komiis jedhamu keessaa Caamsaa 15, 2025 jaleewwan sirnichaa tajaajila dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan nama maqaan isaa barsiisaa Ballisaa Ittaanaa jedhamu jalaa sangaa tokko ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessan.
Dhiibbaa waraanni impaayerattii irratti geggeessaa jiruun rakkoo ulfaataa keessa kan jiru uummanni Oromoo, siyaasa keessaa qooda fudhachuu yoo dhiises, Oromoo ta’ee dhalachuu qofaan kan ajjeefamuu fi loltoonni ajjeesuuf bobba’anis namoota nagaa irratti akka feeteen miidhaa qaqqabsiisuun maqaa deggartoota WBO’ti jedhu itti maxxansuun barsiifata ta’ee jira.

