Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana-Sibuutti waraanni faashistii PP manneen jiraattotaa yoo guban, Aanaa Lataa-Sibuutti barataa tokko irratti ajjeechaa raawwatan

ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024 

Lafti fi qabeenyi uummata Oromoo sirnoota gita bittoota habashaatiin weeraramaa jaarraa oliif har’a kan ga’e yoo ta’u, gareen weeraraan dachee Oromiyaa qabachuuf carraaqqii tolfatanii mootummoota garboomfattoota dhufaa darbaan bobbaafaman dhaloota abdii biyyaa ajjeesuu, jireenya isaanii guutuu manneen hidhaa taasisuu fi manneen irratti gubuun jiruu godaansaaf hawaasa saaxiluu jabeessanii itti fufaniiru. 

Onkoloolessa 26, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Sokkaa Daabbus irraa Mana Obbo Baacaa Bariitti ganama  obboroon waraanni garboomfataan PP itti bobba’uun yoo guban, Onkoloolessa 25, 2024 ammoo ganda Maxxaarii keessaa mana Obbo Abdii Faqqadaa gabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun gubanii akka deeman jiraattonni ONM’tti himan.

Abbootiin warraa qabeenyi jalaa gubate kunneen hirmaannaa siyaasaa fi deggeraa garee (dhaaba) kamiyyuu akka hin taane kan himamu, shakkii WBO’f hojii loojistikii hojjettuu fi deggarsa adda addaa gootu kan jedhuun yakkanii akka guban ifoomeera.

Maatiin qabeenyi isaanii jalaa gubate ilmaan isaanii bakkee irratti qorraan waadamuu fi nyaata malee hiraarfamaa akka jiranis jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Godinichuma Aanaa Lataa-Sibuu ganda Muraa Waankii iddoo addaa Gaanqaa Giittan jedhamu keessaa Onkoloolessa 27, 2024 dargaggeessa umuriin 18 maqaan isaa Carraa Damee Ammayyaa jedhamu badii tokko malee “mana koo gubde” jechuun milishaan maqaan isaa Indaaluu Bantii jedhamu naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Dargaggoon kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi barnoota sadarkaa tokkoffaatti barataa kutaa 8’ffaa ta’uun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version