• Sun. Jan 11th, 2026

Barataan kutaa 12’ffaa tokko Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti waraana impaayerattiin ajjeefamuun beekame

May 18, 2025

ONM-ABO Caamsaa 18,2025 

Kaleessa Caamsaa 17, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Innimaay Sombootti  dargaggoon maqaan isaa Jafaar Nagaraa jedhamu ganama sa’atii 4:00’tti balleessaa tokko malee waraana impaayerattiin ukkaamfamuun rasaasa sadiin ajjeefamee daandii gubbaatti akka gatame jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Dargaggoon waraana Abiy Ahimediin  ajjeefame kun barataa kutaa 12’ffaa akka ta’e kan himamu yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa kam keessaas qooda kan hin fudhannee fi barnootaan cinattis maatii  gargaaruun jiraachisuu malee yakka lubbuu isaa baasisu akka hin hojjenne itti dabaluun dubbatu.

Kana malees aanaadhuma kana ganda Lalisaa Komiis jedhamu keessaa  Caamsaa 15, 2025 jaleewwan sirnichaa tajaajila dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan nama maqaan isaa barsiisaa Ballisaa Ittaanaa jedhamu jalaa sangaa tokko ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessan.

Dhiibbaa waraanni impaayerattii irratti geggeessaa jiruun rakkoo ulfaataa keessa kan jiru uummanni Oromoo, siyaasa keessaa qooda fudhachuu yoo dhiises, Oromoo ta’ee dhalachuu qofaan kan ajjeefamuu fi loltoonni ajjeesuuf bobba’anis namoota nagaa irratti akka feeteen miidhaa qaqqabsiisuun maqaa deggartoota WBO’ti jedhu itti maxxansuun barsiifata ta’ee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading