ONM-ABO Caamsaa 18, 2025
Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsa magaalichaa adda addaatti baankiin daldala Itiyoophiyaa lakkoofsa herregaa baankii jiraattotaa sababa tokko malee ugguraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Sababa waliin isaa hin beekamneen dabtarri herregaa isaanii jalaa ugguramaa jiraachuu kan himan jiraattonni, lakkoofsa herregaa isaanii deebisanii haaromsuuf qarshii 1,000 fudhatanii haaressaa jiraachuu fi sababa ugguramuu dabtara qusannoo isaanii yoo gaafatan ammoo sababa qabatamaa kan hin taanee fi fudhatama kan hin qabne akka dhiheessantu himame.
Dabtarri qusannoo namoota hedduu magaalicha keessatti ugguramaa jiraachuu hordofee, maallaqa isaanii sochoosuuf rakkataa jiraachuu fi baankichi mala ittiin maamiltota isaa mufachiisee saamu bocachuun, impaayera olaantummaan seeraa fi mirgi lammiilee sarbame keessatti uummata dararaa jira.



